Baarentuu Gadaa irraa | Guraandhala 4, 2014
Akkuma hunduu beeku murni Impaayera Itiyoophiyaa weerartee bulchaa jirtu wayyaaneen ummatoota biyyattii keessattuu saba Oromoorratti xiyyeeffattee maqaa ‘Tokko Shanee’ jedhuu fi ijaarsaalee siyaasaa adda addaatin gaaditee jireenya isaa guyya-guyyaa booressaa fi goolaa jirti. Maatidhaa kaaftee hanaga naannootti walitti qaanjessitee tokko-tokko akka hordofuu, akka too’atu fi akka basaasu gootee bahaa gala dhorkaa jirti. Biyyattii keechatti addatti ammoo naannoo Oromiyaa keeysatti har’a namni ‘Tokko shanee’ wayyaaneen diriirsite keeysatti hammatamee hojii basaasummaa fi dalagaa biraa wayyaaneen itti kennite hin raawwanne farra misoomaati, farra uummataati, farra biyyaati. Read more…
source.http://ayyaantuu.com/horn-of-africa-news/oromia/ilmi-abbaa-basaasun-haati-intala-basaasun-aadaa-keenyaa-miti/
No comments:
Post a Comment