“Amma Maaloo Dammaqaa Yaa Ilmaan Oromoo!!!!” Caamsaa 20, 2014
Kan barreeffame Caamsaa 16, 2014 –Egaa amma maaloo dammaqaa yaa ilmaan Oromoo. Ijoolleen Oromoo hedduun isaanii mana hidhaa keessatti yeroo ammaa kana dararamaa jiru. Yaa saba Oromoo maaloo wal irratti hin callisiinaa dhugaa isiniin jechuuf hidhaan nu irra gahe kun haala kanaan itti fufnaan isin irras gahuun isaa hin oolu.
Hidhamuuf Du’uun keenyaa isiniif malee ofii kenyaaf miti, lakki yaa saba kenyaa. Dhiigni Kenya akka tasaa dhangala’aa jiru kun isinitti haa dhaga’amu. Oromoon durii kaasee hanga amma kanaatti Dhiitamaa, Hidhamaa, D¬ u’aa, biyya isaa keessaa Ari’amaa jira… Isiniif haa galtu maaloo carraan hidhamuu keenya har’aa kun bor immoo keessan ta’uuf deemtii. Sin hara’a mana keessan teessanii kolfuu, taphachuun, hirriba nagaa rafuun keessan wanta nuffii fi, tuffiin jiruuf malee wanta mootummaan wayyaanee isin kabaje isinitti hin fakkaatiin!!!!!!!! Read more…
sorus http://ayyaantuu.com/horn-of-africa-news/oromia/xalayaa-barattoota-oromoo-mana-hidhaa-jiran-irraa-dhufe/
No comments:
Post a Comment