Sunday, May 11, 2014

Baqattootni Oromoo biyya Sudaan rifeensa haddachuudhan fi kkf gadda isaani muldhisan

Caamsaa 11, 2014
Nuti baqatoonni Oromoo biyya Sudaan keessa jiraannu haala yeroo ammaa sabni keenya keessa jiru dhiheenyatti hordofaa jira. Saamicha lafa Oromiyaa mormuun diddaa barattoonni Oromoo agarsiisan dhaamsuuf tarkaanfii hameenyaa sirni Wayyanee fudhateen gadda guddaatu nutti dhagahame. Haa tahu malee tarkaanfii gara jabinaa diinaa kana mormuun hiriirota nagaa hawaasota Oromoo biyya ambaatiin geggeeffaman hoggaa arginu qalbiin keenya cabe deebi’ee jajjabaateera.
Nuti baqattoonni Oromoo biyya Sudaan keessa jiraannu akka obboleeyyan keenya biyya ambaatti alaabaa ABO fi dhaadannoolee qabannee deeggarsa ilmaan Oromoo wareegamaniif qabnuu fi mormii sirna Wayyaanee irratti qabnu ifatti hiriira baanee addunyaa dhageessisuun hawwii keenya guddaa ture. Haa tahu malee hariiroo dippilomaasii jabaa sirni Wayyaanee mootummaa Suudaan waliin qabu irraa kan ka’e mirga akkasii waakkatamne. Read more…

No comments:

Post a Comment