Taammanaa Bitimaa irraa | Ebla 16, 2014
QALBEEFFACHIISA: Yaa dubbiftoota walaloo kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, walaloon kun bara 2011, ji’a Caamsaa keessa mandheewwan Oromoo kanneen addaddaa irratti baafamee ture. Ani kaleessa mandhee “bilisummaa.com” oggaan banen, kurfeessitoota mandhee tanaatiin ammas deebifamee baafuu isaa arge. Dubbiin ennaa san walaloon kun irratti xiyyeeffame dubbii daran cimtuu, tan lafaa fi lafee uummata keenyaa waan taateef, obboleewwan keenya deebisanii gabbaasani. Akkuma harra mandhee Oromoo isa “gadaa.com” jedhamu irratti dubbiftan, warri abbaa qawwee kunoo ijuma teenya duratti: Aannolee Lammaffaa fi Calanqoo Lammaffaa akka biraatti adeemsisaa jira. Habashoonni Tigraay humna qawwee fi humna abbootii qabeenyaa kanneen warra alaatti hirkachuun, Oromiyaa teenya akka dullacha masqalaatti qircatanii qircisiifachaa jiru. Kan nama dhibu warra isaan akka diina tokkoffaatti ilaalaa turan, nafxanyoota haareyyii fi moofeyyii kanneen Habashoota Amaaraa waammachuun, lafa lafee Oromoo tahe: Ambo irraa hamma Malkaa Jabduu fi Dirree Dhawaatti, Jimma irraa hamma Kombolcha Warra Qaalluu fi Baatii isaan Wallo keessaatti saammachaa, warreeni fi firoottan isaanii badhaasaa, waraabeyyii akka isaanii kanneen baargamaatti gurgurachaa jiru. Hubaddhaa! Awwaallan haadholii fi abbootii keenyaatu, dabreeyyuu kan jagnoota keenyaa kan akka Tufaa Munaa, Birraatuu Goolee, Waamii Garoo, Shabbuu Bordee fi Ilaansoo Halloo faatu buqqifamaa jiraa! Laggeeni fi harawwan Oromiyaatu summii fi xurii-ajaawaa gabroomfatoota Habashaatiin faalamaa jiraa! Daa’immaan Oromootu summii kanan dararamaa jiraa, itti-dabaleetuu dararamuuf deemaa! Yeroon iyyinee iyyadabarsinuu fi, ee akka Oromoota Kurnan Gullallee bara Minilik sanii: “uu uu qabi dhayi” jennu abadan ammuma! Hayyee tokkummaa, tokkummaa! Karaa hundaan ijaaramuu, ijaaramuu! Karaa hundaan hidhachuu, hedhachuu dha mallisaa! Read more…
No comments:
Post a Comment